Fana: At a Speed of Life!

Dura bu’ummaa Abbootii Gadaan Hirmaattoonni Irreechaa gara Hora Arsadeetti imalaa jiru

Finfinnee, Fulbaana 27, 2016 (FBC)-Ayyaana Irreecha Horaa Arsadee Magaalaa Bishooftuutti har’aa kabajamuuf hirmaattoonni gara bakka irreeffannaatti imalaa jiru.

Hirmaattonni Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqeen durfamaa “Mareewoo…” jechaa gara Hora Irreeffannaatti imalaa jiru.

Sirnicharratti lammiilee biyyoota ollaa Keeniyaarraa dhufan dabalatee hawaasni kutaalee Oromiyaarraa walitti baba’an hirmaachaa jiru jedhameera.

Irreechi baranaa mata duree “Irreechi Faajjii Tokkummaa fi Obbolummaati” jedhuun kabajamaa jira.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.