Fana: At a Speed of Life!

Dubartoota miiliyoona 8.8 ta’aniif talaalliin Kaansarii Fiixee Gadameessaa ni kannama – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Mudde 22, 2016 (FBC) – Dubartoota miiliyoona 8.8 ta’aniif talaallii Kaansarii Fiixee Gadameessaa duulaan kennuuf qophiin taasiifamuu Ministeerri Fayyaa beeskiise.

Shammarra umriin isaanii waggaa 9 -14 ta’aniif talaalliin kun kan kennamu ta’uu Ministeerichatti Gorsaan Talaallii Obbo Mangistuu Boggaalaan Faanaa Biroodkaastingi Koorporeetiif ibsaniiru.

Kana dura shamarraan umrii waggaa 14 qofaaf kennamaa kan ture ta’uu eeruun, yeroo ammaa qophii gahaan taasiifamuu hordofee kanneen Umriin isaanii Waggaa 9 -14tti jiraniif kan kennamu ta’uu eeraniiru.

Talaaliichi bilisaan kan kennamu ta’uu fi dhuma Baatii Amajjii 2016 eegaluuf qophiin taasiifamuu dubbataniiru.

Manneen Barnootaa, Buufataalee fayyaa fi Dhaabbilee fayyaa biroo keessatti talaalichi kan kennamu ta’uu himaniiru.

Itiyoophiyaatti sababa dhibee kanaan waggaan dubartoonni kumni 5 fi 300 lubbuu isaanii kan dhaban ta’uus Obbo Mangiftuun eeraniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.