Fana: At a Speed of Life!

Dubartoota dhiibbaa uuman horachuun biyya ijaaruuf itti gaafatamummaa keenya ba’uu qabna- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC)- Dubartoota ofitti amanmummaa qabanii fi dhiibbaa uuman horachuun, karaa fayyadamummaan dubartootaa mirkaneesseen biyya bu’uura cimaa ijaaruuf itti gaafatamummaa keenya ba’uu qabna jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinee Aadde Adaanech Abeebeen.

Guyyaa Dubartootaa Addunyaa ilaalchisuun ergaa bagaa geessanii gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniiru.

Ergaa isaaniini guyyichi wayitaa kabajamu dhaloota naamusaan jaabate biyya isaa jaalatu ijaaruuf gatii kan kaffalan, osoo hinbaratiin ijoollee isaanii barsiisanii madda beekumsaa kan ta’an, ifanii kanneen ijoollee isaaniif ifa ta’an, akkasumas itti gaafatamummaa isaanitti kenname seeraan bahuun dhalootaaf mallattoo fi fakkeenya ta’an dubartoota ciccimoo yaadachuun ta’uu kaasaniiru.

Aadde Adaanech dabaluun, “Dubartoonni har’a jirru , mul’ata ijaarsa dhalootaa eegalle itti fufsiisuun, dubartoota ofitti amananii fi dhiibbaa uumuu danda’an uumuun, karaa fayyadamummaan dubartootaa mirkaneesseen, biyya bu’uura cimaa qabduu ijaaruuf itti gaafatamummaa keenya ba’uu qabna” jedhaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.