Fana: At a Speed of Life!

Dubartiin ulfa baatii 5 miseenosota garee shororkeessaa ABUTiin gareen gudeedamte rakkoo fayyaa hamaaf saaxilamte

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC)- Dubartiin ulfa baatii 5 miseenosota garee shororkeessaa ABUTiin mucaashee waggaa 4 fuulduratti gareen gudeedamte rakkoo fayyaa fi xiinsammuu hamaaf saaxilamuu ibsame.

Garee shororkeessaan kun wayita magaalaa Shawaaroobiit weeraree turetti qabeenya mootummaa fi dhuunfaa barbadeessuu dabalatee yakkoota gara jabinaa dubartootaa fi daa’imman irratti raawwateera.

Miseensonni garee shororkeessaa kunneen Afur ta’uun abbaan warraa kee miseensa faannoo ta’uun gara adda waraanaatti duuleera jechuun erga reebaniinii booda daa’ima ishee waggaa 4 fuuldurratti ishee gudeeduu dubbatteetti.

Daa’ima ishee waggaa 4’n atis wayita guddattu nu waraanta jechuun sireerratti darbachuu fi qawwee dhukaasuun doorsisuu miidhamtuun kun ibsiteetti.

Gudeeddii fi reebicha irra ga’een ulfishee baatii 5 irraa ba’uu fi rakkoo fayyaa fi xiinsammuu hamaaf saaxilamuu himteetti.

Gocha garaa jabinaa miseensonni garee shororkeessaa ABUT daa’ima ishee waggaa 4 fuulduratti isheerraan ga’an irraanfachuu akka hin dandeenye ibsiteetti.

Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaa bakkeewwan weeraree turetti duubartootaa fi daa’imman irratti miidhaa hamaa raawwachuu hoggantuun qajeelcha dhimma dubartootaa, daa’immanii fi hawaasummaa godinichaa aadde Yalamshawaa Baqqalaa ibsaniiru.

Dubartootaa fi Daa’imman garee shororkeessaa kanaan miidhaan irra ga’e gara dhaabbilee fayyaatti fiduun deeggarsa fayyaa fi xiinsammuu akka argatan taasifamaa jiraachuu fi gara dhaabbilee fayyaa kan hin dhufne yoo jiraatan rakkochi osoo hin hammaatiin gara dhaabbilee fayyaa akka dhufaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Girmaa Nasiibuutu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.