Fana: At a Speed of Life!

Dubartiin tokko dorgommii nyaatarratti baayyee nyaachuun lubbuun ishee darbe

Finfinnee, Amajjii 18, 2012 (FBC) –  Dorgommii nyaataa Awustiraaliyaatti gaggeeffameen dubartiin tokko baayyee nyaachuun lubbuun darbe.

Dubartiin ganna 60 dorgommii hooteela Harvey Bey keessatti kabaja Guyyaa Awustiraaliyaarratti gaggabdoodhaan rakkachaa turte.

Viidiyoon waraabame akka agarsiisutti dorgomtoonni saffisaan keekii aadaa biyyattii kan ta’e nyaachaa turan.

Hootellichis fuula Feesbuukiisaarratti maatii fi hiriyyootasheetiif gadda itti dhagahame ibseera. Eenyummaan dubartii ganna 60 ifa hin godhamne.

Isaanis warroota tajaajila ambulaansii iddoo taateen kun sun itti uumametti dhufuudhaan gargaarsa kennaniif galatoomfataniiru.

Dorgommiin nyaataa kabaja Guyyaa Awustiraaliyaarratti tapha beekamaadha.

Guyyichis imala warra Awurroppaanotaa jalqaba gara Awustiraaliyaa imalan sababeeffachuudhaan kan kabajamu.

Dorgomtoonni yeroo baay’ee sa’aatii murta’aa keessatti keekii yookiin nyaata biraa nyaachuun injifatan badhaasa argatu.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.