Fana: At a Speed of Life!

Dubartii waggoota 30f hirriiba malee jiraatte

Finfinnee, Adoolessa 25, 2016 (FBC) – Lammii Veetinaam waggoota kurnan sadan darbaniif Hirriiba malee jiraatte,Niguuyen Nigook Maayi Kiim.

Niguuyen Nigook Maayi Kiim dubartii Umrii waggaa 49 yoo taatu, bulchiinsa Loong Aan keessatti dhalatte.

Dubartii Hirriiba malee Huccuu hodhitu jedhamuun beekamti.

Iddoon hojii ishee sa’aatii 24 banaadha.

Jiruu ishee keessatti aduun hin dhiittu.

Hirriiba malee waggoota kanneen jiraachuun fayyaa isheerratti miidhaan qaqqabsiise akka hin jirre dubbatti Niguuyen Nigook Maayi Kiim.

Waayita ijoollummaa ishee halkan hirriibni akka ishee hin qabne tattaaffii taasiisaa turuu himti.

Yeroo jalqabaa fedhii dubbisuu qabdu milkeessuuf akka hirriibni ishee hin qabne carraaqqii taasisaa turte, boodarra ogummaa Huccuu hodhuu waayita eegaltu fedhii maamiltoota guutuuf halkanii guyyaa hojii itti fufte.

Hirriibni jireenya koof faayidaan qabu hin jiru jechuun waggoota 30f hirriiba malee dabarsuu himti Niguuyen Nigook Maayi Kiim.

Milkiin kun akka salphaatti kan hin dhufne ta’uu himti.

Yeroo baay’ee mukaa’uu, dadhabbii hamaan ishee mudachuu fi balaa tiraafikaaf illee saaxilamuu himteerti.

Niguuyen Nigook Maayi Kiim, Waggoottaan 30 darban hirriibaaf jecha ija ishee goonkuma dunuunfattee akka hin beekne dubbatti.

Yeroo ammaa rafuu barbaadus hin danda’u jechuun himti.

Daawwattoonni biyyoota garaagaraa gara mana ishee imaluun daawwatu.

Maddi:- odditycentral

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.