Fana: At a Speed of Life!

Dubartii ajjeechaa hin raawwanneen hidhaa waggoota 43 booda bilisa baate

Finfinnee, Adoolessa 14, 2016 (FBC) – Ameerikaatti dubartiin ajjeechaa hin raawwanneen waggoota 43’f mana hidhaa keessa turte bilisa baate.

Saandiraa Heema umrii 20’tti ture hojjettuu mana kitaabaa bara 1980 waraantee ajjeefte jedhamuun yakkamtuu kan jedhamtee Hidhaan umrii guutu itti murtaa’e.

Yeroo ammaa umrii 64 yoo taatu dogoggoraan waggaa dheeraa hidhaa keessa turuun kan ishee caalu hin jiru jedhan kanneen isheef falman.

Yeroo ammaa dubartiin kuni mana hidhaa keessa hin jirtu, garuu dhimmi ishee ilaalamaa jira jedhame.

Ajjeechaa dubartiin kuni itti yakkamte miseensi poolisii raawwachuu hin oolle jedhame.

Namichi kuni yakka biraan mana hidhaa seenee bara Faranjootaa 2015’tti lubbuun isaa darbeera.

Miseensi poolisii Maaykil Holmaan jedhamu kun guyyaafi bakka ajjeechaan raawwatame konkolaataan isaa mul’atee ture.

Ta’us, bakka ajjeechaan raawwate jiraachuu isaa mirkaneessuu hin danda’amne.

Eegasii kaardii baankii dubartii duute yeroo fayyadamu argameera.

Saandiraan Jimaata hidhaa waggoota hedduuf keessa turterraa baatee maatii isheetti makamuu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.