Fana: At a Speed of Life!

Du’aatii haadholii fi daa’imman irra ga’u hambisuuf deeggarsa barbaachisu ni taasifna- MM Eernaa Soolbarg

Finfinnee,Gurraandhala 1, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti du’aatii haadholii fi daa’immaan irra yeroo da’umsaa ga’u hir’isuuf deeggarsa barbaachisu kan taasisan ta’uu Muummeen Ministiraa Noorway Eernaa Soolbarg himaniiru.

Ernaa Soolbarg buufata fayyaa magaalaa Finfinnee Qarsaa (Kaasaanchis) daawwataniiru.

Ityoophiyaan galma karoora du’aatii haadholii fi daa’immanii qabattee milkeessuuf hojiin hojjette jajjabeessaa ta’uu Muummeen Ministiraa Soolbaerg dubbataniiru.

Du’aatii haadholii fi daa’immaanii yeroo da’umsaa fi dhimmoota walqabataniin  ga’u hir’isuuf mootummaa Noorway deeggarsa barbaachisu kan taasisan ta’uu himaniiru.

Mootummaan Noorway fayyummaa haadholii fi daa’immanii eeguuf Ityoophiyaatti proojaktoota sagantaa ‘seef liitil laayf fi kaangaaroo maazar keer’ jedhaman hojiirra oolchuuf Doolaara miiliyoona shan deeggarsa taasisuu isaa ragaan Waajjira Sekretariyaatii Preesii Magaalaa Finfinnee argame ni mul’isa.

Eernaa Soolbarg guyyaa kaleessaa Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdee fi Muummee ministiraa Dooktar Abiy waliin mari’ataniiru.

Dabalataan hoggantoota Afrikaa yaa’ii idilee hoggantoota gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee jiran waliin ni mar’atu jedhameera.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.