Fana: At a Speed of Life!

Du’aatii haadholii fi daa’immaanii hir’isuuf hojiileen eegalaman cimee akka itti fufu gaafatame

Finfinnee, Bitootessa 1, 2017 (FMC) – Sadarkaa Biyyaalessaatti Du’aatii haadholii fi daa’immaanii hir’isuuf Waldaaleen Ogeeyyii Fayyaa hojiilee eegalan akka cimsan Ministeerri Fayyaa gaafate.

Yaa’iin Waldaalee Ogeeyyii Fayyaa Ispeeshaalistii Ulfaa fi Gadameessaa 33ffaan taa’amaa jira.

Mootummaan Tajaajila Fayyaa waliin gahuuf hojii hojjeteen bu’aa jajjabeessan galmaa’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan yaa’icharratti argamuun ergaa dabarsaniin himaniiru.

Tajaajila Yaala Fayyaa fooyyessuuf hojiilee hedduun hojjetamuu kaasaniiru.

Tajaajila Yaala Fayyaa nageenyummaan isaa eegamee fi haqa qabeessa ta’e waliin gahuuf dhaabbilee deeggartootaa fi Waldaalee Ogeeyyii Yaala Fayyaa waliin qindoominaan hojii bu’aa qabeessa hojjechuun danda’amuu eeraniiru.

Du’aatii Haadholii fi Daa’immaanii hir’isuu keessatti Waldaaleen Ogeeyyii Yaala Fayyaa gumaacha olaanaa qabaachuu eeruun, hojii hojjetaa jiran caalmaatti cimsanii akka itti fufan gaafaachuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.