Fana: At a Speed of Life!

Dr Teediroos Adihaanoom preezdaantii Chaayinaa Zhii Jiin Piing waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 19, 2012 (FBC) – Daayreektar janaraalli Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom preezdaantii Chaayinaa Zhii Jiin Piing waliin mari’atan.

Dabalataan Dooktar Teediroos ministira Dhimma Alaa Chaayinaa fi gorsaa biyyattii Waang Yii waliin mari’ataniiru.

Dooktar Teediroos wayita Chaayinaa daawwachaa jiranitti preezdaantii Chaayinaa Zhii Jiin Piingii fi ministira Dhimma Alaa Chaayinaa fi gorsaa biyyattii Waang Yii waliin Beejiingitti kan mari’atan.

Dooktar Teediroos Chaayinaan weerara dhibee ittisuu fi to’achuu keessatti dandeettii olaanaa akka qabdu ibsaniiru.

Chaayinaan muuxannoo kanaan dura dhibee ittisuu fi to’achuurratti qabduun, vaayrasii nooval koroonaarrattis irra deebiin ni agarsiisti jedhan.

Mootummaan Chaayinaa ittisaa fi to’annaa vaayrasichaarratti hojiin hojjechaa jiru jajjabeessaa ta’uu kan ibsan Dooktar Teediroos, dhaabbanni isaanii fi hawaasni addunyaa tumsuuf qophii ta’uu ifoomsaniiru.

Ministirichi gama isaanitiin mootummaan isaanii weerara vaayrasichaa ittisuu fi to’achuuf dandeettii fi ga’umsa amansiisaa akka qabu ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.