Dr Injiinar Geetaahuun Eejansii Humna Atoomiikii Addunyaatti daayreektara tumsa teeknikaa Afrikaa waliin mari’atan
Finfinnee, Muddee 3, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaan Eejansii Humna Atoomiikii Addunyaatti daayreektara tumsa teeknikaa Afrikaa Shuktaa Abdulraazaaq waliin mari’atan.
Marichaan hojiilee Ityoophiyaa fi dhaabbatichi waliin hojjetan, kallattii gara fuula duraarratti xiyyeeffatameera.
Eejansichi damee nuukleeraarratti kan hojjetudha.
Teeknooloojichi nageenyisaa eegamee fi faayidaa nagayaatif tajaajilarra akka oolu addunyaaf beeksisa.
Ityoophiyaan Oostiriyaa Veenaatti yaa’ii Eejansii Humna Atoomiikii Idil Addunyaa 63ffaa gaggeeffamerratti prootookoolii dabalataa mallatteessun ishee ni yaadatama.