Fana: At a Speed of Life!

Dr Abiy kayyoon mootummaa olaantummaa seeraa kabachiisuuf naannoo Tigraayitti tarkaanfiin eegale finxaaleeyyii garee ABUT seeraatti dhiyeessufi jedhan

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2013 (FBC)- Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad kayyoon mootummaa olaantummaa seeraa kabachiisuuf naannoo Tigraayitti tarkaanfiin eegale finxaaleeyyii garee ABUT seeraatti dhiyeessu fi sirna heera mootummaa eegsisuufi ta’uu beeksisan.

Dooktar Abiy fuula Feesbuukii isaanitin akka beeksisanitti, tarkaanfiichi hunda caalaa uummattoota Tigraayiin fayyadama taasisa jedhan.

Tarkaanfii mootummaa olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhachaa jiru ilaalchisee uummattoonni Tigraay mootummaan humnoota badii kana dhabamsiisuuf tattaffii taasisaa jiru akkuma Ityoophiyaanoota biroo cinaa dhabbachuun deeggarsa taasisuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.