Fana: At a Speed of Life!

Dr Abiy fi preezdaant Isaayyaas hidha madda anniisaa elektirikaa Kooyishaa daawwatan

Finfinnee, Onkolooleessa 3, 2013 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad fi preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii hidha madda anniisaa elektirikaa Kooyishaa daawwataniiru.

Hidhichi yeroo tokkotti humna eleektirikaa meeggaa waattii kuma 1 fi 200 kan maddisiisu yoo ta’u, waggaatti ammoo humna eleektirikaa giigaa waattii kuma 6 maddisiisa jedhameera.

Raawwin waliigalaa proojakticha %36 irra kan ga’ee yoo ta’uu, guutummaa guutuutti wayita xumuramu humna maddisiisurra darbee galtee turizimiif ni oola jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.