Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiiwwan yeroo itti aanan gaggeeffaman irratti lakkoofsa meedaaliyaa warqee guddisuuf ni hojjetama- Atileet Daraartuu Tulluu

Finfinnee, Adoolessa 21,2014 ( FBC)- Dorgommiiwwan yeroo itti aanan gaggeeffaman irratti lakkoofsa meedaaliyaa warqee Ityoophiyaa guddisuuf kan hojjetamu ta’uu Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa Atileet Daraartuu Tulluu ibsan.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaa Oriiganitti gaggeeffameen injifannoo galmaa’e ilaalchisee sagantaan simannaa atileetotaa masaraa mootummaa biyyaalessaatti gaggeeffamaa jira.

Pirezidaantiin federeeshinichaa Atileet Daraartuu Tulluun saganticharratti haasawaa taasisaniin, gootonni atileetii Ityoophiyaa dhiibbaawwan garaagaraa keessatti injifannoo olaanaa galmeessisuu eeraniiru.

Atileetonni yeroo ammaa maqaa biyyattii waltajjii addunyaarratti olkaasanii waamsisan bu’aa gootota atileeta kaleessaa ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbilee fi namoota dhuunfaa Origanitti  turtii garee atileetiksichaa milkaa’aa taasisan galateeffataniiru.

Origanitti Ityoophiyaan injifachuu kaasuun, dorgommiiwwan idil addunyaa gara fuula duraatti gaggeeffaman irratti lakkoofsa madaaliyaa warqee atileetota Ityoophiyaa guddisuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.