Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiiwwan xumuraa Ityoophiyaan irratti hirmaattu 2 har’a ni gaggeeffame

Finfinnee, Hagayya 16, 2015 (FBC)-Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa har’aatiin dorgommiiwwan lama kan Ityoophiyaan irratti hirmaattu har’a galgalaa ni gaggeeffamu.

Dorgommii fiigicha meetira kuma 1 fi 500 sa’aatii 4:31irratti gaggeeffamuun Atileet Birqee Hayyaaloomii fi Atileet Dirribee Waltajjii kan eegamaniidha.

Kana malees, fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 dhiirotaa sa’aatii 4:42 irratti gaggeeffamuun Atileet Lammeechaa Girmaa fi Atileet Geetinnat Waalee kanneen eegamaniidha.

Dorgommiin Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 19ffaa Hangaarii Budaapestitti gaggeeffamaa jiruu har’a guyyaa afuraaffaa qabateera.

Hanga ammaatti Ityoophiyaan meedaaliyaawwan Warqee 1, Nahaasa1 fi Meetii 2 waliigalaan meedaaliyaawwan afuriin Afrikaarraa sadarkaa 1ffaa qabattee kan jirtu yoo ta’u, Addunyaarraa ammoo sadarkaa 3ffarratti argamanti.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.