Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiiwwan fiigicha Maaraatoonii har’a gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa milkaa’an

Finfinnee, Bitootessa 25, 2014 (FBC) – Dorgommiiwwan fiigicha Maaraatoonii garaagaraa guyyaa har’aa gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa koorniyaa lamaaniinuu milkaa’aniiru jedhame.

Fiigicha Maaraatoonii idil Addunyaa bara 2022 Kooriyaa Deeguutti gaggeeffameen Atleet Shifarraaw Taammiruu moo’ateera.

Fiigicha Maaraatoonii Faransaay Paaris idil addunyaa dhiiroota gidduutti gaggeeffameen Atleet Caaluu Deessoo Galmeessaa sa’aatii 2:05:07 xumuruun sadarkaa 1ffaa yoo ba’u, Atleet Seefuu Turaa ammoo 2ffaa ba’eera.

Dubartootan ammoo Atleet Faantuu Jimaa 2ffaa, Atleet Bassuu Saaddoo sadarkaa 3ffaan xumurteerti.

Fiigicha walakkaa Maaraatoonii Ispeen Baarseeloonaatti Atleetoota dhiirotaa gidduutti gaggeeffameen ammoo Atleet Haftuu Takluu fi Atleet Caalaa Raggaasaa 1ffaa fi 2ffaa ba’uun dorgomicha xumuraniiru.

Akkasumas fageenyuma kanaan dubartootaan Geexee Alamaayyoo 2ffaa, Atleet Asnaaqachi Awwaqaa 3ffaa, Atleet Radi’eet sadarkaa 4ffaan xumuruu ragaan Federeeshinii Atleetiksiirraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.