Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin Waancaa Guddattootaa fi Dargaggoota Ardii Afrikaa Finfinneetti gaggeeffama jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2017 (FBC)- Federeeshinii Kubbaa Harkaa Idil Addunyaatti dorgommiin waancaa guddattootaa fi dargaggoota Ardii Afrikaa Onkololeessa 23-27, 2017 Finfinneetti gaggeeffama jedhame.

Ministeerri Aadaa fi Ispoortii Federeeshinii Kubbaa Harkaa Itiyoophiyaa waliin ibsa kennaniin, dorgommiiwwan sadarkaa Ardii Itiyoophiyaatti qophaa’uun dorgommii ispoortiin cinaatti faayidaan dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa qabaatan olaanaa ta’uun ibsameera.

Dorgommichi Itiyoophiyaatti gaggeeffamuun ijaarsa maqaa gaarii fi hariiroo michummaa ummataa fi ummataa Afrikaa cimsuuf carraa olaanaa kan uumu ta’uun akeekameera.

Dorgommicharratti hirmaattonni umrii 18 fi 20 gadii sadarkaa 1ffaan darban Afrikaa bakka bu’uun dorgommiiwwan Idil Addunyaarratti akka hirmaatan ibsameera.

Itiyoophiyaanis dorgommichaan shaampiyoonaa ta’uun biyyaattii akkasumas waltajjiiwwan Addunyaarratti waamsisuuf qophii olaanaa taasisuun himameera.

Dorgommicharratti biyyoonni 12 ramaddii lamatti qoodamuun umrii 20 gadii fi 18 gadiin akka dorgoman ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Itiyoophiyaa, Kaameeruun, Giinii, Madagaaskaar, Naayijeeriyaa fi Zaambiyaan umrii 18 gadiin kan dorgoman yoo ta’u, Kongoo, Gaanaa, Giinii, Riyuniyen, Ruwandaa fi Zimbaabuween umrii 20 gadiin kan dorgoman ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.