Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin teeknooliiwwan qonna ammayyeessanii ifoome

Finfinnee, Caamsaa 4, 2015 (FBC)- Qonnaa ammayyeessuu fi teeknooloojiin kan deeggarame taasisuuf yaada dargaggootaa waldorgomsiisuu fi gara hojiitti jijjiiruuf kan dandeessisu dorgommiin eegalame.

Dorgommichi biyya keessatti yeroo 2ffaaf gaggeeffama jedhameera.

Dorgommichaan kanneen 1ffaa hanga 3ffaa ba’an badhaasa maallaqaa kan argatan yoo ta’u, kanneen hanga 10ffaatti bahaniif ammoo hojiilee isaanii biyya keessaa fi alatti akka dhiyeessaan haalli kan mijeeffamuuf ta’uu Qopheessaan Dorgommichaa Daayrektarrii Haayifer Ityoophiyaa Obbo Teewodiroos Yeshaawarqi dubbataniiru.

Kaayyoon dorgommichaas dorgomtootaa badhaasuu qofaa utuu hintaane yaadota qonnaa ammayyeessuuf gargaaran hojiirra akka oolaniif ta’uu himaniiru.

Dorgommicharratti Ministeerri Hojii fi Ogummaa, Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii fi Ministeerri Qonnaa waloon kan hirmaatan ta’uun ibsameera.

Itti Gaafatamuun Deeskii Carraa Hojii Haaraa Uumuu Ministeeraa Hojii fi Ogummaa Aadde Alamtsahaay Darsoolinyi gama isaaniin, qonnaa teeknooloojiin ammayyeessuuf carraan dargaggootaaf baname qonnaa ammayyeessuutti dabalataan carraa hojii hedduu akka uumu himaniiru.

Dorgommicharratti hirmaachuu kanneen barbaadan yaada teeknoolojii qonnaa kan qaban Caamsaa 7-20, 2015tti galmaa’uu akka danda’anis eerameera.

Taammiruu Kaffaalanyiitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.