Dorgommiin ‘seekaafaa’ umrii waggaa 23 gadii Sanbata dhufu ni eegalama
Finfinnee, Adooleessa 8, 2013 (FBC) – Dorgommiin tapha kubbaa miilaa biyyoota Giddugaleesssa fi Baha Afrikaa‘seekaafaa’ umrii waggaa 23 gadii Sanbata dhufu Istaadiyeemii magaalaa Bahaar Daaritti ni eegalama jedhame.
Dorgommii qopheessummaa Ityoophiyaan gaggeeffamu kanarrati affeerramuun kan hirmaatti Rippablika Diimookiraatawaa Koongoo dabalatee biyyoon Bahaa fi Giddugaleessa Afrikaa 9 ni hirmaatu jedhameera.
Dorgommichi Sanbata dhufu sa’aatii 9:00 irraa eegalee tapha baniinsaa Ityoophiyaa fi Eertiriyaan waliin taphataniin ni eegalama jedhame.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.