Dorgommiin Maaraatoonii Riilee Ityoophiyaa 17ffaan olaantummaa garee Baankii Daldalaa Ityoophiyaan xumurame
Finfinnee, Eebila 9, 2014 (FBC) – Dorgommiin Maaraatoonii Riilee Ityoophiyaa 17ffaan olaantummaa garee Baankii Daldalaa Ityoophiyaan xumurameera.
Dorgommiin Maaraatoonii Riilee Ityoophiyaa 17ffaan Magaalaa Jigjigaatti dorgomamaa ture xumurame.
Dorgoommii kanarratti Kilaboonni 11 fi naannoleen sadii waliigalaan atleetoonni 84 irratti hirmaataniiru.
Atileetoota dorgoommicha injifataniifi kilaboota hirmaataniif maallaqaafi badhaasni waancaa kennameera.
Gareen Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa badhaafama Waancaa yoo ta’uu, Ityoo-Eelektirikii fi Poolisiin Oromiyaa sadarkaa 2 ffaafi 3ffaa ba’uun dorgommichi xumurameera.
Dorgommii Maaraatoonii Riilee Ityoophiyaa 17ffaa kanarratti Preezdantiin Federeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa Komaandar Atileet Daraartuu Tulluu argamaniiru.
Komaandar Atileet Daraartu Tulluu dabalatee miseensa Koree Hojii Raawwachistoota Federeshinicha Aadde Saaraa Hassan, Bakka Bu’aa Waajjira obbo Yohannis Ingidaaw, Preezdantii Federeshinii Atileetiksii Naannoo Somaalee obbo Mahammad Abduurahmaaniif Hogganaa Itti Aanaa Dargaggootaafi Damee Ispoortii Mahammad Mahaadi argamaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.