Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin kalaqa hojii biyyaalessaa 4ffaan “Abdii Ityoophiyaa” jedhu Caamsa 28 eegala

Finfinnee, Caamsaa 25, 2015 (FBC)- Dorgommiin kalaqaa hojii biyyalessaa 4ffaan “Abdii Ityoophiyaa” jedhu Caamsa 28, 2015 akka gaggeeffamu eegalu Ministeerri Hojii fi Ogummaa beeksise.

Dorgommichi guyyoota 15’f giddugala dagaginaa kalaqaa Buraayyuutti akka gaggeeffamu Minister Deetaan Ministeerichaa Obbo Nugusuu Xilaahuun dubataniiru.

Sagantichi dargaggootaa yaada kalaqaa qaban sadarkaan dorgomsiisuun yaada isaaniin carraan hojii akka uumamuuf kan kaayyeffateedha jedhaniiru.

Dorgommii baranaa kanarratti aanaalee kuma 1 fi 240, godinaalee 98, yuunivarsiitiiwaan 50’tti ulaagaan dorgommii qophaa’ee kennamuu ibsaniiru.

Dorgommii kalaqaa hojii biyyalessaa 4ffaan “Abdii Ityoophiyaa” irratti yaadonni 200 ol dhiyaachuun kan waldorgomsiifaman ta’uu eeraniiru.

Dorgommi kanarratti yaadonni 70 ta’an adda baafamuun yaadonni xumuraa 50, tokkoon tokkoo isaaniif kaappitaalaa ka’umsaa kan ta’uu badhaasni Doolara kuma 5 kan kennamu ta’uun himameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.