Dorgommiin Chaan har’aa ni eegala
Finfinnee, Amajjii 5, 2015 (FBC) – Dorgommiin Shaampiyoonaa Kubbaa Miilaa Biyyoota Afrikaa 7ffaan har’a Aljeeriyaatti ni eegalama.
Dorgommii kanarratti biyyoonni Afrikaa 17 kan hirmaatan yoo ta’u, magaalota biyyattii 4 keessatti ni taphtama jedhameera.
Har’a qopheessituu taphichaa Aljeeriyaan Liibiyaa waliin galgala sa’aatii 3:00 irraa eegalee ni taphatu.
Gareen Biyyaalessa Ityoophiyaa Boruu waaree booda sa’aatii 9:00 irraa jalqabee garee biyyaalessa Moozaambik waliin kan taphatu ta’u sagantaan ba’e ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.