Dorgommii shaampiyoonichaan Ityoophiyaan Meedaaliyaawwan Warqee fi Meetii jalqabaa argatte
Finfinnee, Adoolessa 26, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa umrii 20 gadiin Ityoophiyaan meedaaliyaawwan Warqee fi Meetii jalqabaa argatteetti.
Kolombiyaa, Kaaliitti kan geggeeffamaa jiru Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa umrii 20 gadii halkan edaa gaggeeffameen fiigichaa meetiraa kuma 5 dhiiraa fi fiigicha meetira kuma 3 dubaraan, Ityoophiyaan meedaaliyaawwan Warqee fi Meetii argachuu dandeesseetti.
Meetira kuma 5 dhiiraan Atileet Addisuu Yihuun daqiiqaa 14 fi secoondii 3 fi maayikiroo secoondii 5’n 1ffaa ba’uun meedaliyaa Warqee argamsiiseera.
Meetira kuma 3’n Atileet Tsiyoon Abbabaa daqiiqaa 9 fi sekoondii 3 fi maayikiroo secoondii 85’n 2ffaa ba’uun meedaaliyaa Meetii argamsiisteetti.
Dabalataan, ramaddii dhiiraan Atileet Gabayyoo Balaay, dubartootaan ammoo Atileet Burtukaa Waldee sadarkaa 4ffaan xumuruun dippiloomaa argachuu ragaan Federeeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.