Fana: At a Speed of Life!

Dorgommii maaraatonii  Barsaloonaa Atileetonni Itiyoophiyaa injifatan

Finfinnee,Bitootessa 7, 2017(FMC) – Dorgommii maaraatonii Barsaloonaa Atileetonni Itiyoophiyaa injifatatan.

Dorgommii ramddii dhiiraan Tasfaayee Dirribaa saa’atii 2 Daqiiqaa 4 sekondii 13’n galuun dorgommicha sadarkaa 1ffaan xumuruu danda’eera.

Dorgomichaan Tasfaayeettii aanee Atileetonni keeniyaa sadarkaalee 2ffaa hanga 5ffaa qabachuun xumuraniiru.

Atileetonni Itiyoophiyaa Mako’aaninti Ayyenewu fi Kaasaahun Haayiluu ammoo 6ffaa fi 10ffaa qabachuun xumuraniiru

Bifuma walfakkaatuun ramaddii dubartootaan Atileet Yebirgo’aal Mallasaa saa’atii 2 daqiiqaa 20 fi sekondii 47’n xumuruun 2ffaa baateetti..

Atilleetonni Itiyoophiyaa bakka bu’uun hirmaatan biroon Ayinaalam Dastaa, Goojjaam Tsaggaayee, Ayinaaddis Tashoomaa fi Zarfee Limanih walduraa duubaan sadarkaalee 4ffaa,7ffaa, 9ffaa fi 10ffaa qabachuun dorgommicha xumuraniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.