Dorgommii Kubbaa Saaphanaa Kilaastira Lixaa Kilabni Yuunivarsiitii Wallaggaan olaantummaan xumure
Finfinnee, Mudde 19, 2017 (FMC)- Wal dorgommiin Kubbaa Saaphanaa Kilaastira Lixaa Magaalaa Naqamteetti geggeeffamaa ture olaantummaa Kilaba Yuunivarsiitii Wallaggaa goolabameera.
Qopheessummaa Federeeshinii Kubbaa Saaphanaa Oromiyaa fi Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Godina Wallagga Bahaan waldorgommiin mo’aa mo’attootaa Kubbaa Saaphanaa Kilaastera Lixaa Magaalaa Naqamteetti geggeeffamaa turuun ni yaadatama.
Dorgommiin kun torbee tokkoof gaggeeffamaa kan ture yoo ta’u, kilaboonni sagal irratti hirmaachuun ibsameera.
Itti Gaafatamaan Federeeshinii Kubbaa Saaphanaa Oromiyaa Obbo Baqqalaa Iraasuu kaayyoon Waldorgomii kanaa Hundeefama Liigii Oromiyaa bara kanarraa ka’ee gaggefamuuf kilaboota ciccimoo kilastaran qoodanii calaluuf akka tahe himaniiru.
Hanqinni dorgommii kubbaa saaphanaa gama dubartootaan jiraachuu ibsuun, kana furuuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Dorgommii kana irratti Kilabni Yuunivarsiitii Wallaggaa, Aanaa Laaloo Qilee, Aanaa Limmuu fi Aanaan Diggaa kanneen Sadarkaa 1ffaa hanga 4ffaatti xumuran yoo t’an Kilaastera Lixaa bakka bu’uun Liigii Oromiyaa irrattis ni hirmaatu jedhameera.
Galaanaa Tasfaa fi Yohaannis Malkaamuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia