Dorgommii fiigichaa Walakkaa Maraatoonii Raas Al Kaamhaatti gaggeffameen atileetiin Ityoophiyaa injifatte
Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC) – Dorgommii fiigichaa Walakkaa Maraatoonii guyyaa kaleessaa Raas Al Kaamhaatti gaggeffameen atileetiin Ityoophiyaa injifatte.
Atileet Girmaawwit Gabra Igzi’aabiheer dorgommichaan sa’aatii 1:04:14n 1ffaa ba’uun xumurteetti.
Dorgommichaan atileet Boosanaa Mulaatee sa’aatii 1:05:46 sadarkaa 5ffaa baateerti.
Dorgommii walakkaa Maraatoonii dhiirotaan Seeyfuu Turaa sa’aatii 58:36 galuun 4ffaa yoo ba’u Amdawarq Waalilliny sa’aatii 58:40 5ffaa ba’uun dorgommicha xumuruu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.