Fana: At a Speed of Life!

Dorgommii fiigicha walakkaa maraatoonii Kooppanhaaganitti gaggeeffameen atileetonni Ityoophiyaa milkaa’an

Finfinnee, Fulbaana 8, 2015 (FBC) – Dorgommii fiigicha walakkaa maraatoonii Deenimaark magaalaa Kooppanhaaganitti guyyaa har’aa gaggeeffameen atileetonni Ityoophiyaa koorniyaa lameenuu milkaa’aniiru.

Dorgommii fiigichaa walakkaa maraatoonii dubartootaa Kooppanhaaganitti gaggeeffameen atileet Taadduu Tashoomaa sa’aatii 1fi daqiiqaa 6 fi sekondii 13 1ffaa, atileet Tsigee Gabrasalaam sa’aatii 1fi daqiiqaa 6fi sekondii 35 2ffaa akkasumas atileet Xiruyyee Masfin sa’aatii 1 fi daqiiqaa 6 fi sekondii 42n dorgommicha xumuruun 3ffaa baateetti.

Dorgommii fiigichaa walakkaa maraatoonii dhiirotaa Kooppanhaaganitti gaggeeffameen, atileet Milkeessaa Mangashaa daqiiqaa 58 fi sekondii 58tti xumuruun sa’aatii saffisaa galmeessisuun 1ffaa ba’eera.

Atileet Amdawarq Waalalliny sadarkaa 2ffaan wayita xumuru Caalaa Raggaasaa 6ffaa, Tsaggaay Kidaanuu 11ffaafi Geetaanah Mollaa 12ffaa ba’uun dorgommicha xumuruu TOItu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.