Fana: At a Speed of Life!

Dorgommii Fiigicha daandiirraa Riigaarratti Atileetota hirmaataniif sagantaan beekamtii fi badhaasaa gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Laatiiviyaa Riigaatti garee Atileetiksii Itiyoophiyaa dorgommii Fiigicha Daandiirratti hirmaataniif sagantaan beekamtii fi badhaasaa gaggeeffameera.

Garichi gara biyyaatti kan deebi’e yoo ta’u, wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’utti Ministir Deetaa Ministeera Aadaa fi Ispoortii Ambaasaaddar Masfiin Charinnat, Pireezidantii Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluun simannaan taasifameera.

Haaluma kanaan, Laatiiviyaa Riigaatti dorgommii idil addunyaa daandiirra irratti atileetota hirmaataniif sagantaan badhaasaa fi bekkamtii kennuu gaggeeffameera.

Dorgommii Fiigicha Daandiirraa Riigaatiin Itiyoophiyaan meedaaliyaawwan Warqee 2, Meetii 4 fi Nahaasa 1 argachuun sadarkaa 2ffaan xumuruun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.