Dorgommii dubartotaa meetira 800’n atileetonni Tsigee Dhumaa fi Nigist Geetaachoo xumuraaf darban
Finfinnee, Bitootessa 13/2017(FMC)- Dorgommii dubartotaa meetira 800’n atileetonni Tsigee Dhumaa fi Nigist Geetaachoo xumuraaf darban.
Dorgommii shaampiyoonaa atiletiksii addunyaa 20ffaa mana keessaa Chaayinaatti geggeeffamaa jiruun dorgommiin walakkaa xumuraa geggeeffameera.
Haaluma kanaan dorgommii walakkaa xumuraa meetira 800 irratti kan hirmaatte atileet Tsigee Dhugumaa 2:03:58’n galuun 1ffan yoo xumurtu, atileet Nigisti Geetaachoo ammoo saa’atii 2:04:01’n sadarkaa 2ffaan xumurteetti.
Ramaddii 2ffaan kan dorgomte atileet Habtaam Alamuu saa’atii 2:05:44’n sadarkaa 6ffaa qabattee xumuruun dorgommii xumuraaf osoo hin darbin akka hafte ragaan Federeeshinii Atileetiksii irraa arganne ni mul’isa.