Fana: At a Speed of Life!

Dorgommii Daayimand Liigii Osilootti gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa milkaa’an

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2014 (FBC) –Fiigicha Daayimand Liigii Meetira kuma 5 Noorweey Osilootti gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa koorniyaa lamaaniinuu milkaa’aniiru.
Dorgommii dhiiroota gidduutti taasiifameen Atleet Xilahuun Hayilee 1ffaa yoo ba’uu, Saamu’eel Tafarraa fi Geetinnat Waaleen 2ffaa fi 3ffaan xumuraniiru.
Oduma walfakkaatuun fiigicha fegeenya meetira kuma 5 dubartoota gidduutti gaggeeffameen Daawiit Siyyuum 1ffaa, Gudaaf Tsaggaayee fi Lattasanbat Giday 2ffaa fi 33ffaan xumuraniiru jedhame.
Dabalataan Atleet Milkeessaa Mangashaan sadarkaa 5ffaa, Alii Abduulmaan ammo sadarkaa 10ffaan xumuruu isaanii ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.