Fana: At a Speed of Life!

Dooniwwan Turkii deeggarsa namoomaa fe’an Liibiyaa ga’an

Finfinnee, Fulbaana 5, 2016 (FBC) – Dooniwwan Turkii deeggarsa namoomaa lammiilee Liibiyaa sababa lolaan miidhamaniif oolu fe’an Liibiyaa ga’aniiru.

Dooniwwan kunneen namoota deeggarsa dhiyeessan 360 fi konkolaattoota 122 qabachuu isaanii eerameera.

Dooniwwan kunneen jalqaba torbee kanaa Turkii ka’uun Liibiyaa ga’uu isaanii Raayyaan Ittisaa Turkii beeksiseera.

Hoggantoota bulchiinsa balaa yeroo ariifachiisaa dabalatee hojjettoonni yeroo balaa, ogeeyyiin yaala fayyaa fi namoonni deeggarsa laachuu danda’an Liibiyaa ga’uu isaanii Anaadooluun gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.