Fana: At a Speed of Life!

Dooniin waraanaa Ameerikaa nageenya koof yaaddoodha jechuun Chaayinaan akeekkachiiste

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Chaayinaan dooniin waraanaa Ameerikaa naannawaa Taayiwaanitti dhiyootti mul’achuu fi dubbii barbaachaaf tuttuqaa taasifamu ta’uu akeekkachiisa kennuun beeksisfte.

Chaayinaan dhimmicha ilaalchisuun, Ameerikaan jeequmsa nageenyaa uumuun naannawichitti tasgabbiin akka dhabamuuf doonii waraanaa misaa’ela baatuun naannawaa galaanatti sochii waraanaa taasisteetti jechuun himatti.

Ameerikaan gama isheen qaama to’annoo naannawaa galaana bilisaatti taasifamuu fi bu’uura seera idil addunyaan kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Ameerikaan, Chaayinaa xiiqii keessa galchuun naannawaa galaana Chaayinaatti ergama walitti bu’iinsa uumuu raawwachaa turuu irraa deddeebiin akeekkachiisa kennuu Rooyitarsi gabaaseera.

Chaayinaan odoloonni naannawaa Taayiwaanitti argaman kan kooti jechaa turuun kan yaadatamu yoo ta’u, tuttuqaan Ameerikaas deeggarsa Taayiwaaaniif qabdu argisiisuuf jecha itti yaaddee kan raawwachaa jirtuudha jedhameera.

Chaayinaan birmadummaa fi tokkummaan naannawichaa akka hintuqamneef waraana ishee yeroo mara dammaqinaan dhaabbachiisuu Koloneelli Olaanaan Waraanaa biyyatti Shi Yuu jedhamu dubbachuu isaanii CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.