Fana: At a Speed of Life!

Dooniin midhaanii Yuukreen buufata doonii Odeessaarraa midhaan fe’uun imala ishee eegalte

Finfinnee, Adoolessa 25, 2014 (FBC) – Bu’uura waliigaltee Raashiyaa waliin taasifameen dooniin midhaanii Yuukreen erga waraanni biyyoota lameenii eegaleen asitti yeroo jalqabaaf midhaan al ergii fe’uun imala eegaluu gabaafame.

Guyyaa har’aa anga’oonni Yuukreeniifi Turki akka beeksisanitti, dooniin midhaan nyaataa feete kun gama kibba buufata Odeessaan imala ishee eegaluu gabaafameera.

Dooniin kun boqqolloo toonii kuma 26 fe’uun imala eegaluu ibsameera.

Bu’uura waliigaltichaan daldalli alergii kun eegaluun hanqina midhaan nyaataafi qaala’iinsa gatii idil addunyaa ni hir’isa jedhamee kan abdatamu ta’uu BBCn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.