Fana: At a Speed of Life!

Doonii namoota kuma 3 fi 700 qabatterratti namoonni 41 vaayrasii koroonaan qabamanii argaman

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Namoota qarqara galoo galaana Jaappaanitti dooniirraa bu’an keessaa 41 vaayrasii koroonaatin qabamaniiru.

Dooniin Diyaamand Priins jedhamu namota kuma 3 fi 700 qabatteet turte.

Torbee lamaan dabarsine keessa Yuukohaamaarraa adda baate kophaa jirti.

Doonittii keessatti kanaan dura namoota vaayrasii koroonaan qabaman 20 dabalatee namoonni 41 haaraan dhukkubichaan qabamuun, waliigalaan 61 ga’uun eerameera.

Sanaan dura namoonni shakkaman 25 turaniiru; haaluma kanaan Jaappanitti namoonni vaayrasichaan qabaman 86 ga’eera.

Namoota 171 qorannoon irratti adeemsifame keessaa 41 vaayrasichaan qabamuu ministirri Fayyaa Jaappaan Kaatisuunoobuu Kaatoo mirkaneessaniiru.

Jaappaan baatii darbe doonicharra kan turan jiraataan Hoong Koong maanguddoon waggaa 80 vaayrasichaan qabamuun erga ibsamee kaasee, namoota doonii Diyaamand Priinsirra jiraniif qorannoo taasisuu eegaluun ni yaadatama.

Maanguddoon kun baatii Faranjootaa Amajjii 20, 2020 doonicha yaabuun, Amajjii 25 ammoo doonicharraa bu’uun isaanii himameera.

Doonii biroo Woorld Driim jedhamurra namoonni turan 8 vaayrasii kanaan qabamuun isaanii mirkanaa’era.

Maddi: BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.