Fana: At a Speed of Life!

Doonaldi Tiraampi Bulchiinsaa Niwu Hampishaayeritti morkataa isaanii injifatan

Finfinnee, Amajjii 15, 2016 (FBC)- Pireezidantiin Duraanii Amerikaa Doonaaldi Tiraampi kaadhimamaa Paartii Rippaabilikaanii ta’uun filatamuuf kan dandeessisu qabxii walitti qabachaa jiraachuun ibsame.

Tiraampi Bulchiinsa Niwu Hampishaayeritti morkataa isaanii fi kaadhimamaa Rippaabilikaanii Niikii Haaleyiniin injifachuun eerameera.

Kaadhimamaan Rippaabilikaanii fi morkataan Tiraampi, Niikii Haaleeyin Bulchaa Kaaroliinaa Kibbaa turan.

Tiraampi, bu’aan morkichaa erga xumurameen booda haasawaa injifannoo taasisaniin, deeggartoota isaanii galateeffachuun, bulchiinsaa Baayidanii fi Niikii Haaley irratti baacaniiru.

Doonaaldi Tiraampi, baatiiwwan sadan darban sagalee ummataa bal’aa argachuun eerameera.

Niikii Haaley gama isaaniin Doonaldi Tiraampi injifatanillee dorgommichi hinxumuramne, dorgommicha ittan fufa jedhaniiru.

Tibba darbe Bulchaan Filooriidaa Roon Desaantiis dorgommii pireezidaantummaa Ameerikaa keessa of baasuun Doonaaldi Tiraampiin akka deeggaran ifoomsuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.