Doonaaldi Tiraampi Pireezidaantii Yuukireen waliin mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 10, 2017 (FMC) –Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi Pireezidaantii Yuukireen Voloodmiir Zelaniskii waliin bilbilaan marii bu’aa qabessaa taasisuu ibsaniiru.
mariin isaanii tattaaffii waraana Raashiyaa –Yuukireen nagaan xumuruuf taasifamuun Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin fedhii fi gaaffii dhiyeessanirratti kan xiyyeeffate ta’uu Doonaaldi Tiraampi gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Haaluma kanaan Doonaaldi Tiraampi Ministira Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoo fi Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa Mikaa’eel Waalzii ajandaa marii akka dhiyeessaniif ajaja dabarsaniiru.
Mariin waraana kana karaa nagaan xumuruuf eegalame hanga ammaatti haala gaariin itti fufuu himaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Pireezidaanti Doonaaldi Tiraampi gita isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin bilbilaan mari’achuu ni yaadatama.
Abeel Niwaayitu gabaase.