Fana: At a Speed of Life!

Doonaald Tiraamp lammiileen Ameerikaa maaskii akka kaawwatan hin ajaju jechuun waadaa seenan

Finfinnee, Adoolessa 11, 2012 (FBC) – Preezdantiin Yuunaayitid Isteet Doonaald Tiraamp, tamsa’ina vaayrasii koroonaa hir’isuuf jecha Ameerikaanotaan maaskii kaawwadhaa jedhee hin ajaju jechuun waadaa seenan.

 

Tiraamp yaada kana kan kennan, ogeessi olaanaa dhukkuboota daddarbanii Dooktar Antoonii Foochii hoggantoonni naannolee fi federaalaa lammiileen maaskii akka kaawwataniif akeekkachiisuu qabu erga jedhaniin booda.

 

Akka Dooktar  Foochiitti golgaa fuulaa kaawwachuun, ”baay’ee barbaachisaa fi hundi keenyayyuu fayyadamuu kan qabnudha”.

 

Dhimmi maaskii kaawwachuu kun Yuunaayitid Isteet keessatti siyaasa cimaa erga ta’ee bubbuleera.

 

Bulchitoonni kutaalee biyyattii heddumminni maaskii kaawwachuun filannoo osoo hin taane dirqama akka ta’uuf ajaja dabarsanii jiru.

 

Isaan keessaas miseensi Riippabliikaan Keey Aayivii Alaabaamaa irraa ni argamu. Jalqaba mormaa turanus dirqama taasisanii jiru.

 

Tiraampi ofiifiyyuu maaskii hin kaawwadhu jechaa erga turanii booda Sanbata Xiqqaa darbe ture yeroo jalqabaaf kaawwatanii ummatatti as kan ba’an.

 

Haasaa ‘Fox News’ waliin taasisaniin garuu, akka federaalaatti ummanni maaskii akka kaawwatu dirqisiisuu isa jedhuu waliingalu jedhaniiru. Ummanni ”bilisummaa” qabaachuu qaba jechuun.

 

Maddi:- BBC

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.