Fana: At a Speed of Life!

Doolaarri Ameerikaa karaa seeran alaatin daddabarfamaa ture kumni dhibbi 4 fi kumni 49 ol qabame

Finfinnee, Hagayyaa 14, 2012 (FBC) – Doolaarri Ameerikaa karaa seeran alaatin daddabarfamaa ture kumni dhibbi 4 fi kumni 49 ol qabame.
 
Ministeerri Galiiwwanii akka beeksisetti Doolaarri Ameerikaa kumni dhibbi 4 fi kumni 49 fi 700 biyyaa baafamuuf yeroo yaalametti qabameera.
 
Maallaqichi karaa Humaraatin namoota lammummaa Ityoophiyaa qaban 3 biyyaa baafamuuf yeroo turetti kan to’atame.
 
Yeruma kanattis namoonni daddabarsa maallaqaa seeran alaa Birrii miiliyoona 17.8 shakkaman 3 to’atamaniiru.
 
Maallaqichi karaa Baankii Daldalaa Ityoophiyaatin galii taasifameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.