Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Yiliqaal Kaffaalaan du’a obbo Girmaa Yeshiixilaan gaddi itti dhaga’amuu ibsan

Finfinnee, Eebla 20, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaan du’a Itti Gaafataamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannichaa kan turan Obbo Girmaa Yeshiixilaan gaddi itti dhaga’amuu ibsaniiru.

Obbo Girmaan wayita hojiirra turanitti qaamolee hidhataniin ajjeefamuu eeruun, gochaan akka kanaa kufaatii isaanii ta’a malee injifannoo isaan hin goonfachiisu jedhan.

Wayita sirni haqa qabeessummaa fi walqixxummaa mallattoo saba keenyaa ta’aa jirutti gochoonni seenaa fi xiinsammuu kanaan faallaa ta’an hundi bu’aa jeequmsaa ta’uu ibsaniiru.

Seeraa fi sirnaan osoo hin taane murtii fi ajjeechaan gareen raawwatamu bu’aan isaa diigumsaa fi gaaga’ama waan ta’eef, fedhii ummataa fi biyyaa galmaan gahuun hin danda’u jedhan.

Ummanni naannichaa nagaa waaraa mirkaneessuuf jecha mootummaa cinaa dhaabbachuun jeequmsaa fi gocha seeraan alaa akkanaa balaaleffachuu fi falmuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Dooktar Yiliqaal ummata naannoo Amaaraa, maatii fi hiriyyoota isaaf jajjabina hawwaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.