Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Yiliqaal hoggantoota olaanoo sagantaa nyaata addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2014 (FBC) – Preezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffalaan hoggantoota olaanoo sagantaa nyaata addunyaa waliin mari’ataniiru.

Weerara gareen shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraatti gaggeesseen lammiilee nagaan hedduun ajjeefamuu fi qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu ibsaniiru.

Mootummaan lammiilee buqqa’an kanneen deeggaruuf tattaaffii taasisaa jiraatus humna ol ta’uun rakkicha furuun dadhabamuu kaasaniiru.

Lakkoofsi lammiilee buqqa’anii dabalaa jiraachuu eeraniiru.

Lammiilee kanneen baraaruuf dhaabbatichi deeggarsa barbaachisu akka taasiisu gaafataniiru.

Yeroo ammaa lammiileen miiliyoona 7 ol ta’an rakkoof saaxilaman keessaa miiliyoonni 6 deeggarsa yeroo ariifachiisaa kan barbaadan ta’uu ibsuu isaanii EBCn gabaaseera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.