Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Warqinaa Gabayyoon Pireezidaanti FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen baga gammaddan jedhan

Finfinnee, Fulbaana 28, 2017 (FBC) – Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabayyoon Pireezidaantii FDRI haaraa ta’uun kan moggaafaman Taayyee Atsiqasillaaseen baga gammaddan jedhaniiru.

Taayyee Atsiqasillaaseen Pireezidaantii FDRI haaraa ta’uun filatamuu isaaniin dhaabbileen idil addunyaa garaagaraa ergaa baga gammadanii dabarsaa jiru.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabayyoon hariiroo Itiyoophiyaan qabanii fi dhimmoota misoomaarratti Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee waliin tumsaan kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.

Keessattuu dameewwan Walitti hidhamiinsa naannawaa , nageenyaa fi misoomarratti tumsaan kan hojjetan ta’uu mirkaneessuu ragaan fuula miidiyaa ‘IGAD’ irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.