Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Warqinaa Gabayyoohu Pireezidaantii Mana Maree Birmadummaa Sudaan Leetanaan Jeneraal Abduulfattaahi Alburihaan waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 16, 2016 (FBC) – Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabayyoohu Pireezidaantii Mana Maree Birmadummaa Sudaan Leetanaan Jeneraal Abduulfattaahi Alburihaan waliin mari’ataniiru.

Haala waqtaawaa Sudaanii fi rakkoo biyyattii mudate haala hiikuun danda’amurratti mari’achuu Dooktar Warqinaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Rakkoo biyyattii waaraan fufuuf qooda murteessaa dhaabbatichi qaburratti xiyyeeffachuun Jibuutiitti mari’achuu eeraniiru.

Biyyattiitti nageenya waaraa mirkaneessuuf IGAD yaa’ii akka waamu waliigalaniiru.

Barbaachisummaa dhukaasa dhaaburratti waliigaluu isaanii himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.