Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Teedroos Adhaanoomii fi Artiist Abeel Tasfaayee namoota dhiibbaa uumtoota bara 2020 keessatti hammataman

Finfinnee, Fulbaana 13, 2013 (FBC) – Barruun Taayimsi daayreekara olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teedroos Adhaanoomii fi dhalataa Ityoophiyaa Artiist Abeel Tasfaayee dhiibbaa uumtoota bara 2020 namoota 100 keessatti galchuun filateera.
 
Dooktar Teedroos Adhaanoom damee hoggansaan, weellisaa Abeel Tasfaayee ammoo damee Artiistootaa keessatti filatamaniiru.
 
Daayreekarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teedroos Adhaanoom kutaan addunyaa fi namni kamiiyyuu tajaajila fayyaa qulqullina qabuu argachuu qabu ejjennoo jedhu qabaachuu isaanii Barruu kun eereera.
 
Weerara idila addunyaa vaayrasii koroonaa ittisuuf abdii fi kaayyoo cimaa qabaachuu isaanii barrichi ibseera.
 
Lammiin Kaanaadaa dhalootaan Ityoophiyaa Artiist Abeel Tasfaayees weellisaa, walaleessaa fi Prooduusara muuziqaa sadarka idila addunyaatti dhiibbaa uumuu danda’e ta’uu isaa Barruun Taayims ibseera.
 
Abeel Albeemii ‘after hours’ jedhamu bara 2020 hojiirra oolcheen dhageettii olaanaa arachuu ibsameera.
 
Keessattuu muuziqaan isaa ‘Blindin Lighti’ jedhamu bara 2020 damee muuziqaa Poopiin filatamaa kan ture ta’uu eerrameera.

Akkasumas  lammiin Ityoophiyaa ogeettiin fakkii Joolii Mihiratuus dhiibbaa uumtoota 100 keessaa ishee tokko ta’uu barruun Taayimsi ifoomseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.