Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Maqdas Dhaabaan Daayrektara Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunya waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 30, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan Daayrektara Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Tewoodiroos Adihaanoom waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Itiyoophiyaatti dameelee misooma humna nama, faayinaansii fayyaan, tajaajila talaallii idilee cimsuun akkasumas weerara dhibee koleeraa fi busaa ittisuuf tarkaanfiilee fudhatamaan kan deeggaran ta’uun ibsameera.
Itiyoophiyaan tajaajila fayyaa hunda galessaa mirkaneessuu fi kunuunsa fayyaa sadarkaa jalqabaa fulduraatti cimsuuf dhaabbaticha kan hojjetuu ta’uu Dooktar Maqdas ibsaniiru.
Naannawichatti giddugalaa tajaajila wal’ansaa hatattamaa ijaaruu, garee kutaa wal’ansaa hatattamaa cimsuu dabalatee, damichaan misooma humna nama guddisuuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Maqdas kaasaniiru.
Itiyoophiyaan galteewwaan wal’ansaa biyya keessaatti oomishuuf fedhii qabdurratti marii bal’aa kan taasiisan yoo ta’u ,fooyyessa dambii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessatti hirmaannaa taasifameef Dooktar Teediroos galateeffataniiru.
Kutaa biyyatti naannawaa walitti bu’iinsi jirutti deeggarsa tajaajila fayyaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi dhabbiilee tumsitootan dhiyaatu waliin gahuuf haalli mijatan akka uumamu Dooktar Teediroos gaafachuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.