Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Liyaan mootummaa Chaayinaa galateeffatan

Finfinnee, Eebila 9, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan mootummaan Chaayinaa deeggarsa taasiseef galateefataniiru.
 
Gareen ogeeyyii yaala fayyaa Chaayinaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf muuxxannoo qaban qooduuf kaleessa Finfinnee galeera.
 
Garichi muuxxaannoo qooduun cinaatti meeshaalee weeraricha ittisuuf gargaaru dhiyeessuu isaas himameera.
 
Mootummaan Chaayinaa yeroo rakkisaa kanatti deeggarsa taasiseef Dooktar Liyaan galateefaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godha
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.