Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Liyaan kutaa magaalaa Lidaataatti mana harka qalleeyyii haaromsuun eegalchiisan

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2013 (FBC)- Ministirri Minsteera Fayyaa Dooktar Liyaan Taaddasaan kutaa magaalaa Lidaataatti tajaajila lammummaa bara kanaatin mana harka qalleeyyii haaromsuun eegalchiisaniiru.

Sagantaa kanaan manneen jireenya harkaa qalleeyyii 15 haaromsuuf karoorsuun himame.

Sagantaa tajaajila lammummaa kana irratti Dookta Liyaa dabalatee Ministir deettaan Ministeera Fayyaa aadde Alamtsayii Phaawuloosii fi hoggansi Ministeerichaa biroon hirmaataniiru.

Tajaajila lammummaa waqtii gannaan hojii damee fayyaan alatti hojiin hawaasa rakkoo keessaa jiran deeggaruu, dhaabbilee fayyaa tajaajilaaf mijataa taasisuu fi hojiileen Ashaaraa Magariisaa hojjetamuun ibsameera.

Ministeerichi hojii tajaajila lammummaa hojjechaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Hojii Gaggeessituun Kutaa bulchiinsa Lidataa Aaddee Shitayee Mahammad gama isaaniin kutaan magaalichaa qaamolee adda addaa waliin qindoomuun rakkoolee jiran furuuf hojjechaa jira jedhan.

Kutaan bulchiinsa magaalichaa hojii tajaajila lammummaa cimsee kan itti fufu ta’uufi haaromsaa manneen harkaa qalleeyyii Ministeerri Fayyaa hojjechaa jiruuf galateffataniiru.

Meroon Fallaqeetu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.