Dooktar Liyaa Taaddasaan Ittaantuu Muummee Ministiraafi Ministira Dhimma Alaa Isloovaaniyaa waliin mari’atan
Finfinnee, Eebla 2, 2015 (FBC)- Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan Ittaantuu Muummee Ministiraafi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Isloovaaniyaa Taaniyaa Faayan waliin mari’atan.
Mariisaaniin, mootummaan guutuu biyyattiitti keessumaa kutaa kaaba biyyattii walitti bu’iinsi mudatee turetti dhaabbilee fayyaa deebisanii ijaaruuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu Dooktar Liyaan eeraniiru.
Taaniyaa Faayan gamasaaniin, biyyi isaanii fooyya’iinsa eegumsa fayyaa taasisaa jiraachuufi Ityoophiyaan muuxannoo biyyasaanii fudhachuu akka dandeessu ibsaniiru.
Isloovaaniyaan Finfinneetti Embaasii banuuf karoora qabaachuu eeraniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.