Dooktar Kaasahuun Goofeen bakka buutoota Gamtaa Awurooppaa waliin mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 8, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen bakka buutoota Gamtaa Awurooppaa waliin mari’ataniiru.
Jilli biyyaalessaa Itiyoophiyaa walgahii garee hojii 5ffaa miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaatiif Swizerlaandi Geeneevaatti argamu har’a sa’aatii booda garee Gamtaa Awurooppaa waliin dhimma hidhamiinsa gabaarratti mari’achuu eeraniiru.
Walgahii miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa gaafa Roobii taa’amu cinaatti walgahiiwwan garlamee adda addaa taasisuu kan itti fufnu ta’a jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
#Oromia #Ityoophiyaa