Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Iyyoob Takkaalliny Ministira Maallaqaa Faransaay waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 1, 2015(FBC)- Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny Ministira Ministeera Maallaqaa Faransaay Imaanu’eel Mooliin waliin mari’atan.

Dooktar Iyyoob Imaanu’eel Mooliin waliin tumsa diinagdee biyyoota lameeniirratti mari’achuu ibsameera.

Mariisaaniin, Dooktar Iyyoob Takkaalliny sochii diinagdeefi hawaasummaa Ityoophiyaarratti ibsa kennuu eerameera.,

Adeemsi kutaalee hawaasaa sababa walitti bu’iinsaafi uumamaan miidhaman deebisanii dhaabuu cimee itti fufuu ibsaniiru.

Marichi tumsa diinagdee waloofi hundagaleessaan deeggarsa misoomaa Ityoophiyaaf taasisturratti kan xiyyeeffate ta’uufi bu’uura uwwisa biyyoota badhaadhoo 20’n Faransaay adeemsi dhiibbaa liqaa Ityoophiyaa  akka hir’atu saffisiisuuf kutannoo qabaachuu eerameera.

Maricharratti Ministir Deetaa Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyiifi Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Obbo Maammoo Mihiratuu dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroon argamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.