Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Injinaar Silashii Baqqalaan preezdaantii Sudaan Kibbaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 26, 2013 (FBC)- Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injinaar Silashii Baqqalaan Preezdaantii Sudaan Kibbaa Salvaa Kiir waliin mari’ataniru.
Dooktar Injinaar Silashii Baqqalaan erga Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad irra ergame Preezdaantii Sudaan Kibbaa Salvaa Kiir laataniiru.
Turtii isaaniitin haala waqtaawaa naannoo Tigraay, Ityoophiyaatti filannoo marsaa 6ffaa gaggeeffamuu, hojii ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa akkasumas rakkoo daangaa Ityoo-Sudaan irratti marii taasisaniiru.
Dooktar Injinar Silashiin ijaarsi hidha haaromsaa guddichaa Ityoophiyaa biyyoota yaa’a gadiirratti dhiibbaa kamiiyyuu akka hin uumnee himaniiru.
Dabalataani Ityoophiyaatti filannoo marsaa 6ffaa gaggeeffamuu haqaa qabeessaa fi diimokiraatawaa akka ta’u kan amantuu ta’uu himuusaanii ragaan waajjira preezdaantii Sudaan Kibbaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.